Romans 1:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqa sodaa dhabiisaa fi hammeenna kolba'aa, ka hammeenna ifiitiin dhugaa mudhii dhoogganu irratti, ol-gubbaa irraa mufiin Waaqaa mudhatteerti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dalansuuni Waaqa ya mullatte gubbaa gadi buute, daba worra hamama ch'ufa ira buute. Worri hameenna ufitiini d'uga mullachu d'owa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dallansuun Waaqaa ya gubbaa irraa mullattee, daba warra hamamaa cufaa fi cubbuu warrii hamaamaan hojjatee dhugaan mullachuu dhowwu cufaa irra buute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoota dhugaa badoomaan dhooggan badooma isaanii maraa irratti dheekkamsi Rabbii sami'ii cubbuu isaanii irratti bu'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoota dhugaa badoomaan dhooggan badooma isaanii maraa irratti lolli Rabbii sami'ii cubbuu isaanii irratti bu'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni hammeenna isaaniitiin dhugaan akka hin beekkaminne ni taasisan, Waaqa sodaachuu dhabuu isaaniitii fi waayee hammeenna isaaniitiin'llee, mara irrattuu dheekkamissi Waaqaa sami'ii ni muldhata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqa sodaa dhabiisaa fi hammeenna kolba'aa, ka hammeenna ifiitiin dhugaa mudhii dhoogganu irratti, ol-gubbaa irraa mufiin Waaqaa mudhatteerti.