Romans 1:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Biyyi lafaa haga dadantee jalqabee adabi isaa, jechuulle hunni isaa ta bara baraatii fi Waaqummaan isaa ilatti ta hin mudhanne, karaa waan inni dadeetiin mudhattee hubatanteerti; maarre namooti waan itti aalatanu hin qabanu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Haga Waaqi lafa uume jabeenna isaa ka hegeretiifi, waaqoomi isaaleeni, ato ilaani argu baatani, ya waan inni tolche keesa aka dansa mullate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Haga Waaqiii lafa uumee jabeenna isaa ka jiruu jireenaatii fi waaqoomii isaalleen, adoo ilaan arguu baataniillee, waan innii tolche keessaa ya akka dansaa mullate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amalli isaa ka hin mudhanne; innillee hunna isaa ka bara baraa akkasuma Waaqummaan isaa uumama adunya'aatii jalqabee karaa waan inni uumeetiin beekkamee ifa ta'ee waan mudhatuuf; kanaafuu Rabbiin beeka'aa akka Rabbummaa isaatitti waan hin kabajjinee fi waan hin galatoonfanneef waan itti sababatan dhaban. Haa ta'uu ammo yaada isaaniitiin duwwaa ta'an; qalbiin isaanii ta hin hubannee fi ta dukkanoofte.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Amalli isaa ka hin mudhanne, innillee hunna isaa ka bara baraa akkasuma Waaqumaan isaa uumama adunya'aatii jalaqabee, karaa waan inni uummeetiin beekkamee ifa ta'ee waan mudhatuuf; kanaafuu Rabbiin beeka'aa akka Rabbummaa isaatitti waan hin kabajjinee fi waan hin galateeffanneef waan itti sababatan dhaban. Haata'uu ammoo yaada isaaniitiin duwwaa ta'an; qalbiin isaanii ta hin hubbanee fi ta dukkanoofte.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Biyyi lafaa yeroo uumamee jala qabee namootatti ka hin muldhanne amalli Waaqaa, kun'llee huminni isaa ka bara baraatii fi Waaqummaan isaa, karaa wonittoota inni uumeetiin ifa ta'ee waan muldhateef, balleessaa namoonni balleessaniif sababa hin qaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Biyyi lafaa haga dadantee jalqabee adabi isaa, jechuulle hunni isaa ta bara baraatii fi Waaqummaan isaa ilatti ta hin mudhanne, karaa waan inni dadeetiin mudhattee hubatanteerti; maarre namooti waan itti aalatanu hin qabanu.