Romans 1:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Sababille isaan dhugaa Waaqaa dharatti jijjiirane; Waaqa dade waaqeffatiisa irra waan Waaqi dade waaqeffatanee tajaajilane; Waaqi ammoo haga bara baraa ka galateeffame! Ameen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'uga Waaqaa lakisani waan d'ara tolchani, Waaqa ka waan ch'ufa uume lakisani, waan inni uume kad'atani ulfeesani. Inni haga hegeri ha guddifamu! Amini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dhugaa Waaqaa lakkisaniitti waan dharaa tolchan, Waaqaa ka waan cufaa uume lakkisaniitti, waan innii uume kadhatanii ulfeessan. Innii haga barabaraa ha guddifamuu! Ee'e jenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunillee dhugaa Rabbii sobaan waan jijjiiraniif; uumaa dhiisanii uumama waan waaqeffatanii tajaajilaniif, Rabbi garuu bara haga bara baraa kabajjama'a! Amiin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunillee dhugaa Rabbii sobaan waan jijjiiraniif, uumma dhiisanii uumama waan kaddaamanii tajaajilaniif, innillee bara baraan ka eebbifame! Amiin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee ka ta'eef dhugaa Waaqaa sobaan waan jijjiiraniif, bakka Waaqa uumaa ta'ee uumama waan waaqeffatanii fi waan tajaajilaniif, Waaqinni garuu bara baraaf ka galateeffame! Amen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sababille isaan dhugaa Waaqaa dharatti jijjiirane; Waaqa dade waaqonfatiisa irra waan Waaqi dade waaqonfatanee tajaajilane; Waaqi ammoo haga bara baraa ka galateeffame! Ameen.