Romans 1:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma dhiirtille wol qunnamittii aada'aa ta dubartii woliin gootu lakkittee, halchaa wol woliitiin gubatte. Tanaaf dhiirti dhiira woliin waan fokkisiisu goote; hujii badduu ifiitiif adabbii malte ifitti fidane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'iirtileeni ya nad'eeni lakifte wolid'araate. D'iirti waan ch'eera woltolchite, akanaani gaargala argachu malte nafa ufi keesa argatti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dhiirtiilleen ya nadheen lakkiftee waliidharaate. Dhiirtii waan ceeraa waltolchitee, akkanaan gaargala argachuu maltee nafa ufii keessaa argatti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma worri dhiiraa amala isaaniif ta'u dubartoota bira gayuu dhiisanii fedhii foon ufiitiin gubatan. Dhiirti dhiira woliin shingaa raawwatan; waan badaa kana waan godhaniif adabbii isaaniif ta'u uf irratti fidan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma worri dhiiraa amala isaaniif ta'u dubartoota bira gayuu dhiisanii fedhii foon ufiitiin gubatan. Dhiirti dhiira woliin shingaa raawwatan, waan badaa kanaa waan godhaniif adabbii isaaniif ta'u uf irratti fidan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana worri dhiiraa'llee wol qunnamittii saalaa ka baratame dubarttootaan woliin raawwachuu dhiisanii, ufii isaaniitii wolitti kajeellaa sagaagala isaaniitiin ni gubatan, kanaaf dhiironni dhiirotaan woliin waan qaanessaa ni raawwatan, sababa dogoggora isaaniitiin'llee adabbii isaaniin malu foon isaaniitiin ni fudhatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma dhiirtille wol qunnamtii aada'aa ta dubartii woliin gootu lakkittee, halchaa wol woliitiin gubatte. Tanaaf dhiirti dhiira woliin waan fokkisiisu goote; hujii badduu ifiitiif adabbii malte ifitti fidane.