Romans 1:29 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan balleessaa adda addaatiin, hammeennaan, joljolaan, hujii gadhe'een, hinaaffa'aan, ijjeecha'aan, lolaan, sobaa fi dabaan guutamane. Akkasuma wol hamatan,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ya hameennafi ch'ubbufi sabdoomafi t'uriini guutamani; wolqot'isani, wolijeesani, wolhad'ani, wolsobani, wolhamatani. Duddaduuba wolnyaatani,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii ya hammeennaan, cubbuun, sabdoomaa fi amala hamaa cufaan guutame; amala hamaa kanaan guutaminnaan, walhinaafanii, wali ijjeessanii, walhadhanii, walsobanii, walhamatanii, dudda duubaan walnyaatanii,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hammeenna, luquna, dhara maraan guuttaman; hinaaffaa, lubbuu ajjeesuu, mormii, amala dharaatii fi hammeennaan guuttaman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hammeenna, luquna, dhara maraan guuttaman; hinaaffaa, lubbuu ajjeesuu, mormii, amala dharaatii fi hammeennaan guuttaman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf balleessa'aan, hammeennaan, dondhumma'aan, dabaan, hinaafumma'aan, lubbuu ajjeefttumma'aan, woldhabaan, sobdumma'aan, hawwii hamaa maraan ka guuttaman, akkuma kana hamattoota,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan balleessaa adda addaatiin, hammeennaan, joljolaan, hujii gadhe'een, hinaaffa'aan, ijjeecha'aan, lolaan, sobaa fi dabaan guutamane. Akkasuma wol hamatan,