Romans 1:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Oduun Gammaadaa marroo Ilma isaa, Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, namoomaan sanyii Daawwitii keessaa dhalatee dubbatti;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini waan Ilma isaa Aabbo keenna Yeso Kristo himti: inni d'aloota nafatiini ilma Dauditi,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isiin waan Ilma isaa Aabboo keenna Yesus Kiristoo himti; innii dhaloota nafaatiin ilma Daawit,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbiin Nagayaa kun waan Ilma isaa ka fooniin fiixaa Daawitii irraa dhalatee, akka Ayyaana Woyyu'uutittillee ammo worra du'an keessaa ka'ee hunna gudda'aan Ilma Rabbii ta'ee mudhateeti; Innillee Gooftaa keenna Yesuus Kiristoos.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Oduun Nagayaa kun waan fooniin fiixaa Daawitii irraa dhalateef, akka Ayyaana Woyyu'uutittillee ammoo du'oota keessaa ka'ee, hunna gudda'aan Ilma Rabbii ta'ee mudhatee waan Ilma isaati; Innillee Gooftaa keenna Yesuus Kiristoos.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Wongeelichi'llee Ilmi Waaqaa karaa nama ta'uutiin fiixaa Daawiitii irraa dhalachuu isaa ka dubbatu,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Oduun Gammadaa marroo Ilma isaa, Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, namoomaan sanyii Daawitii keessaa dhalatee dubbatti;