Romans 1:32 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan Seera Waaqaa ka, “Worra waan akkasii godhu maraaf du'atti male” jedhu hin beekan. Te'uu malee, waan akkasii mara godhiisa qofa adoo hin te'in, worra waan akkasii godhulle'een, “Dansaa gootane” jedhan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri aka Waaqi nami waan kana gula yau duaa male jed'u imbeekha. Ammo taatule waan kana tolchu illakisani, ammalle nama waan kana tolchule wolti quufani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii akka Waaqiii “Namii waan kana gula yaa'uu du'aa malee” jedhu inbeeka. Ammoo taatuullee waan kana tolchuu inlakkisan, ammallee nama waan kana tolchuullee itti quufan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra kana godhan irratti «Seera Rabbii ka du'aatitu isaaniif ta'a» ka jedhu beeka'aa; worra waan kanniin godhu callaa uduu hin taane, worra waan kana godhaniinillee wolii galan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Worra kana godhan irratti seera Rabbii ka du'aatitu isaaniif ta'a» ka jedhu beeka'a, worra waan kanniin godhu callaa uduu hin taane, worra waan kana godhanillee, «Wolii galan.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Wonittoota kanniin ka raawwatan marrinuu, du'atu isaaniin mala» ka jedhu seera Waaqaa uduu beekan, kana maraa ni raawwatan, raawwachuu qofa'llee uduu hin ta'in, namoota'llee akka kana raawwataniif ni jajabeessan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan Seera Waaqaa ka, «Worra waan akkasii godhu maraaf du'atti male» jedhu hin beekan. Te'uu malee, waan akkasii mara godhiisa qofa adoo hin te'in, worra waan akkasii godhulle'een, «Dansaa gootane» jedhan.