Romans 1:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Duraan dursee, dhugeeffannaan teessan biyya lafaa maratti waan dhage'amiisatti jirtuuf, karaa Yesuus Kiristoosiitiin isin maraaf Waaqa kiyya galateeffadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaraa fit'e anini Waaqa kiyya Yeso Kristo keesa galata deebisa, maro isani ch'ufatiifi, waan lafti ch'ufti d'ugefacha teesani d'ageeteefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaraa fiixee, waan dhugeeffachaan teessan lafa cufaa irraatti beekamteef, anin marroo isanii cufaatii, jedhee, Waaqaa kiyyaa, maqaa Yesus Kiristootiin galata galcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amantiin keessan adunyaa maraa irratti waan dhagayameef, firrisee waan keessan maraafuu Rabbii kiyya karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galatoonfadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Amantaan keessan adunyaa maraa irratti waan dhagayameef, firrisee waan keessan maraafuu Rabbii kiyya karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galateefadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maqaan amantii keessan biyya lafaa mara irratti waan dhagayameef, waan maraa durssee karaa Yesus Kristositiin, waayee mara keessaniitiif Waaqa kiyya ni galateeffadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Duraan dursee, dhugeeffannaan teessan biyya lafaa maratti waan dhage'amiisatti jirtuuf, karaa Yesuus Kiristoosiitiin isin maraaf Waaqa kiyya galateeffadha.