Romans 10:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worra Yihudootaatii fi Yihudoota hin te'in odduu garaagarummaan hin jirtu; Waaqi Goottaa nama maraa ti; worra isa waammatu maraaf eebba guddaa kenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi jiddu Yahuditiifi gosa d'ibile wolhanqooni injirtu; Waaqi Aabbo, inni nama ch'ufa imohata, nama isa yaamatu ch'ufa ineebisa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif jidduu Yahudiitii fi ta gosa dhibiillee wal hanquun hinjirtu; Waaqii Aabboo, nama cufaa in moohata, nama isa yaamatu cufaa ineebbisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudi'ii fi nama Giriikii jiddu'utti garaagarummaan hin jiru; Gooftaan tokkichi Gooftaa nama maraa waan ta'eef, worra isa waamatu maraafuu arja'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yihuudi'ii fi nama Giriikii jiddu'utti garaagarummaan hin jiru; Gooftaan tokkichi Gooftaa nama maraa waan ta'eef, worra isa waamatu maraafuu arja'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa Gooftaan tokkochi Gooftaa maraa waan ta'eef Yihudichaa fi Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jidduu garaa garummaan woyiituu hin jiru, inni'llee worra isa kadhatan maraaf, eebba isaa baayi'essee ni kenna,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra Yihudootaatii fi Yihudoota hin te'in odduu garaagarummaan hin jirtu; Waaqi Goottaa nama maraa ti; worra isa waammatu maraaf eebba guddaa kenna.