Romans 10:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami lallabu yoo ergame malee, attamiin lallabuu dande'a ree? Barreeffam Woyyichi, “Worri Oduu Gammadaa fidee dhufu, attam attam nama gammachiisa!” jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi akamiini odeesani yo nama odeesu inergiini? Akuma t'aafiini jettu, Miili worra odu dansa odeesu akami mid'aaga!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo nama haassa'uu hinergin duubbii akkamiin haassan? Akkuma barreessin jettee, miilii warra oduu dansaa haasa'uu akkam midhaaga!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Lutti worra dubbii gammachu'uu mishaa himanii attamitti bareede» jedhamee akkuma barreeffame, yoo hin ergamin attamitti lallaban?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Lutti worra oduu gammachu'uu mishaa himanii attamitti barreede jedhamee akkuma barreeffame, yoo hin ergamin attamitti lallaban?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barsiisonni yoo hin ergamin hoo attamitti dubbii isaa barsiisu'uuf danda'an ree? Kun'llee, «Lallabddoonni oduu Gammachu'uu dhufuun isaanii, attam nama gammachiisaa!» jedhamee akkuma barreeffame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami lallabu yoo ergame malee, attamiin lallabuu dande'a ree? Barreeffam Woyyichi, «Worri Oduu Gammadaa fidee dhufu, attam attam nama gammachiisa!» jedha.