Romans 10:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo worra garii malee marti isaanii Oduu Gammadaa hin fudhanne. Isaayaasinuu, “Gootta'a, eentu waan nuuti jenne dhugeeffate?” jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nami ch'ufti Odu Dansa imfud'anne. Isayani waan jed'e, Aabbo, eentu dubbi teenna d'ugefate?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo namii cuftii oduu dansaa hinfudhanne. Isaayaas, “Aabboo, eennuutti dubbii teenna dhugeeffate?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo maruu dubbii gammachu'uutiif hin ajajamne. Isaayyaas, «Gooftaa keenna! Ragaa keenna eentu amane?» Waan jedhuuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo maruu dubbii gammachu'uutiif hin ajajamne. Isaayyaas, «Gooftaa keenna! Ragaa keenna eentu amane?» Waan jedhuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu Isaayaas, «Yaa Gooftaa! Dubbii dubbanne eennutu nurraa fuudhe?» jedhee akkuma dubbatetti, marrinuu dubbii gammachu'uu hin fudhanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo worra garii malee marti isaanii Oduu Gammadaa hin fudhanne. Isaayaasinuu, «Gootta'a, eentu waan nuuti jenne dhugeeffate?» jedha.