Romans 10:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani ammoo, isaan dhugumaan hin dhageennee? Jedhee gaafadha. Dhugumaan isaan dhage'aneeran; sababille Barreeffam Woyyichi, “Qoonqoon isaanii lafa maratti dhage'ante; dubbiin isaaniille haga qaccee biyya lafaa dhaqqadde” jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo woni anini gaafad'u, Worri dubbi d'uguma ind'ageenne? Laki, ya d'agayani, akuma t'aafiini jettu: Qonqooni isaani lafa ch'ufa keesa deemte, dubbini isaani muumme lafa geete.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo waan anin gaafadhuu, warrii dhugumaan dubbii tana in dhagaanii? Lakkii, ya dhagayan, akkuma barreessin quluquulloon, “Qoonqoon isaanii lafa cufa keessa deemtee, dubbiin isaan muummee lafaa geete” jettee.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo waan hin dhageenneefii? Dhugamaan, «Laagaan isaanii biyya lafaa maraa irratti dhagayame; dubbiin isaaniillee haga daangaa adunya'aa baye» jedha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo waan hin dhageenneefii? Dhugamaan, «Laagaan isaanii biyya lafaa maraa irratti dhagayame; dubbiin isaaniillee haga daangaa adunya'aa baye» jedha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mee si haa gaafadhuu, eegasuu dubbii isaa hin dhageenne jechu'u ree? Kitaaba Qulqulluu keessatti, «Qooniqqi isaanii arddii mara irratti ni dhagayame, dubbiin isaanii'llee haga daangaa arddi'ii ni gaye» jedhamee akkuma barreeffame, dhugamaanuu dhagayanii jiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ammoo, isaan dhugumaan hin dhageennee? Jedhee gaafadha. Dhugumaan isaan dhage'aneeran; sababille Barreeffam Woyyichi, «Qoonqoon isaanii lafa maratti dhage'ante; dubbiin isaaniille haga qaccee biyya lafaa dhaqqadde» jedha.