Romans 10:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani ammalle, kolbaan Israa'elii hin hubannee? Jedhee gaafadha. Duraan dursee Muuseen, “Kolbaa tuffatante hinaassisee, isin gaabbisiisa; kolbaa gowwitti'illeen isin aarsa” jedheera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle woni anini gaafad'u, Gochiti Israeli imbaranne? Musani qara waan jed'u: Anini gosa gosa intahiini fuud'e isani akasiini, obsa d'owa. Gosa daalliti fuud'e isani dalansiisa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee wannii anin gaafadhuu, “Gochitii Israa'eli hin hubannee?” Muuseen qaraa: “Anin gosa gosa tiyya hinta'in daallitii fuudhee gosa tiyya tolche akkasiin gosa tiyya obsa dhowwee dallansiisa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo Israa'el waan hin beenneef mo'o? jedha. Duraan dursee Muuseen, «Ani banii isaa ka hin taaneen isin hinaafsisa; banii qaabii hin qabneen isin aarsa» jedheera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo Israa'el waan hin beenneef mo'o? jedha. Duraan dursee Muuseen, «Ani banii isaa ka hin taaneen isin hinaafsisa; banii qaabii hin qabneen isin aarsa» jedheera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana Israa'eeloonni dubbii isaa hin beekinne, jechu'uu moo? Kun ammoo akka hin jedhamnneef Museen durssee, «Ummata tufatameen hinaafsisee, isin ni dallanisiise, ummata hin hubanneen'llee, isaan ni dallanisiisa» jedhee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ammalle, kolbaan Israa'elii hin hubannee? Jedhee gaafadha. Duraan dursee Muuseen, «Kolbaa tuffatante hinaassisee, isin gaabbisiisa; kolbaa gowwitti'illeen isin aarsa» jedheera.