Romans 10:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaayaasille, “Ani worra ana hin barbaadiniif dhaggameera; worra ‘Waaqi eessa jira’ jedhee ana hin gaafatiniifille mudhadheera” jedhee sodaa maalee dubbateera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle Isayani guddo garaa jabaate waan jed'u: Worra na barbaaduti injirreti na arge, worra na ingaafanneti mullad'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee Isaayaas guddoo garaa jabaatee: “Warra na hinbarbaneetti na arge, warra na hingaafanneetti mulladhe” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaayyaasillee uggee, «Worra na hin sondheef argame; worra na hin gaafanneefillee mudhadhe» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaayyaasillee uggee, «Worra na hin sondheef argame; worra na hin gaafanneefillee mudhadhe» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaayaas'llee, «Worra ana hin barbaadiniif ni argame, ‹Waaqinni eessa jira?› jedhanii worra ana hin gaafatanitti'llee, ni muldhadhe» jechu'uun, uggee dubbatee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaayaasille, «Ani worra ana hin barbaadiniif dhaggameera; worra ‹Waaqi eessa jira› jedhee ana hin gaafatiniifille mudhadheera» jedhee sodaa malee dubbateera.