Romans 10:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonfatu wollaalanee, karaa ifiif baafatiisaaf wodhaanatane; karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonsutti harka hin kennanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri kara Waaqi d'uga namaa hereguuni imbeekhu, ya kara ufi mid'aafachu barbaadani; tanaafi kara Waaqi d'uga namaa hereguuni ya didani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii karaa Waaqii qajeelummaa namaa herreguun hinbeekuu, ya karaa ufii midhaafachuu barbaade; tanaaf karaa Waaqii qajeelummaa namaa herreguun ya dide.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Karaa Rabbi itti qajeelaa nama taasisu wollaalu'uun hujii ufii qajeelaa faanaa deeman malee qajeellummaa Rabbii faanaa hin deemne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Karaa Rabbi itti qajeelaa nama taasisu wollaalu'uun hujii ufii qajeelaa faanaa deeman malee qajeellummaa Rabbii faanaa hin deemne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Karaa Waaqinni namoota ittiin qulqullaawomssu beekuu dhabuu isaaniitiin, karaa isaanii ka qulqullaawomaa ni horddofan malee, qulqullummaa Waaqaa hin horddofinne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonfatu wollaalanee, karaa ifiif baafatiisaaf wodhaanane; karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonsutti harka hin kennanne.