Romans 10:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo maan jetti ree? “Jechi Waaqaa si bira, hidhii teeti irraa fi gadhaa keeti keessa jira” jetti. Sunille, jecha dhugeeffanna'aa ka nuuti lallannu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti isiini jettu tana, Dubbini Waaqa d'aatu tante jirti, hid'i tante gubbafi garaa kanke keesa jirti, dubbi d'ugefacha ta nu odeesinu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Maal jetti ree? “Dubbiin Waaqaa ta dhugeeffachaa ta nu haasomnu dhaattuu tantee, hidhii tantee gubbaa fi garaa kankee keessa jirti” jetti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo maal jedha? Afaanii fi garaa kee keessa ta'ee dubbiin Rabbii si bira jira. Kunillee dubbii amanti'ii ka lallabnu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo maal jedha? Afaanii fi garaa kee keessa ta'ee dubbiin Rabbii si bira jira. Kunillee dubbii amanta'aa ka lallabnu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana akkana jedhamee barreeffamee jira, «Dubbiin Waaqaa si bira ni jira, gonkumaa afaan keetii fi onnee tee keessa ni jira» Dubbiin kun'llee, ka nu'u lallabunnu dubbii amanti'iiti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo maan jetti ree? «Jechi Waaqaa si bira, hidhii teeti irraa fi gadhaa keeti keessa jira» jetti. Sunille, jecha dhugeeffanna'aa ka nuuti lallannu.