Romans 11:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Seera cassiisi Yihudootaa biyya lafaatiif eebba guddaa yoo te'e, jinnanni isaaniille worra Yihudoota hin te'iniif durummaa yoo te'e, adoo Yihudooti fayyanee fa'a eebba caalu attamiititti te'a ree!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo Yahudiini daba tochinaani eeba guddooni lafati d'ufte, ammalle laafte ch'ubbu tolchinaani durooma guddaani gosa d'ibii d'ufte, deebiini worri Waaqati deebiu eeba hagami guddoti!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo Yihudiin daba tolchinaan eebba guddoon lafatti dhuftee, ammallee Yihudiin cubbuu tolchinaan durooma guddaan gosa dhibii dhufte, deebiin warrii Waaqaatti deebi'u eebba hagam guddooti!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo yakki isaanii yoo adunya'aaf eebba ta'e, kufaatiin isaaniillee yoo worra Yihuudii hin taaneef eebba ta'e, guuttamuun isaanii eebba guddaa attamii fidinna laata?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo balleessaan isaanii durummaa adunya'aatiif mooyatamuun isaanii durummaa worra Yihuudota hin taaneef yoo ta'e keessattuu guuttamuun isaanii attam ta'inna?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Balleessaan Yihudotaa biyya lafaatiif eebba baayi'ee argamisiisee jira, kufaatiin isaanii'llee Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef eebba ta'ee jira, Yihudonni uduu fayyanii jiraataniitii ammoo, eebbi hagam baayi'ee ni ta'aa ture!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Seera cassiisi Yihudootaa biyya lafaatiif eebba guddaa yoo te'e, jinnanni isaaniille worra Yihudoota hin te'iniif durummaa yoo te'e, adoo Yihudooti fayyanee fa'a eebba caalu attamiititti te'a ree!