Romans 11:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa Waaqi isaan gate, eega kolbaan biyya lafaa ta dhibiin Waaqa woliin araarante, yennaa Waaqi isaan fudhatu maanti te'inna laati? Tun qixxee du'aa ka'iisaa ti!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi gaafa worra didani, lafti ch'ufti Waaqaani wolti araaramti. Tanaafi gaafa worra fud'atani maal taati? Worri dueleeni injiraata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif gaafa warra didan, laftii cuftii Waaqaan waltti araaramti. Tanaaf gaafa warra fudhatan maal taati? Warrii du'eelleen injiraata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gatamuun isaanii adunya'aaf yoo araarama ta'e, jireenna du'aa ka'u'uun argame malee deebi'uun isaanii ammo maal ta'inna laata?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gatamuun isaanii adunya'aaf araarama yoo ta'e, jireenna du'aa ka'u'uun argame malee, deebi'uun isaanii ammoo maal ta'inna laata?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni isaan yeroo kuffisetti ummanni biyya lafaa ka bira'aa Waaqaan woliin yoo araarame, Waaqinni isaan yeroo adabutti, maalttu ka raawwatu isinitti fakkaata? kun ammoo haga waan du'aa ka'iinssati!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa Waaqi isaan gate, eega kolbaan biyya lafaa ta dhibiin Waaqa woliin araarante, yennaa Waaqi isaan fudhatu maanti te'inna laati? Tun qixxee du'aa ka'iisaa ti!