Romans 11:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dameeleen ejersa ficha'atti dhaabamee yoo caccadde, dameelee ejersa badda'aa itti qabachiisan. Isin worri Yihudoota hin te'in akka ejersa bada'aa san, eebba isaanii worra qoodamu yoo teetane,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Damele ejersa oobru keesa jiru ta gari ya ch'ach'absani, dame ejersa raasa keesa jiruti mat'ansani. Isani gochiti d'ibiini aka ejersa raasa jiru jirtani, amma jireenna lubbu dureesa ka Yahudi qoodattani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dameelee ejersa oobruu keessa jiruu ta garii ya cacabsan, damee ejersaa raasaa keessa jiruu la ejersa oobruu keessa jiruutti maxansan. Isan gochitii dhibiin akka ejersa raasaa keessa jiruu jirtan, amma jireenna lubbuu dureessa Yihudii qoodattan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo damee keessaa gariin yoo caban, atillee ka ejersa gammoojji'ii taatee jidduu isaanii seentee isaaniin woliin hidda sayitii ejersa baasu irraa yoo qoodamaa taate, damee irratti hin boonin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo damee keessaa gariin yoo caban, attillee ka ejersa gammoojji'ii taatee jidduu isaanii seentee isaaniin woliin hidda zayitii ejersa baasu irraa yoo qodamaa taate, damee irratti hin booniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akka dameewwan muka ejerssaa ka dawo'oo ka ta'an Yihudonni muramanii uduu kufaniitii fi isin akka dameewwan muka ejerssaa ka bosonaa ka taatan, Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne bakka isaanii buutanii, qoodamtoota qabeennaa fi eebba isaanii uduu taatanii,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dameeleen ejersa ficha'atti dhaabamee yoo caccadde, dameelee ejersa badda'aa itti qabachiisan. Isin worri Yihudoota hin te'in akka ejersa bada'aa san, eebba isaanii worra qoodamu yoo teetane,