Romans 11:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudoota akka dameele'ee caccabane san irratti hin koorina'a. Yoo koortane ammoo isin dameelee qofa waan teetaneef, hiddi isin ba'ata malee, isin hidda ba'atuu akka hin dandeenne qaabbadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi amma worra aka damele ch'absani intufatiina. Akamiini ufi guddiftani? Isani akuma damele jirtani; hidda inqabdani, hiddati isani qaba male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf amma warra akka dameelee cabsan hin tufatinaa! Isan akkuma damelee jirtanii, akkamiin ufi guddifatan? Hidda hin qabdan, hiddaatti isan qaba male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo ittiin boonte ammo, hiddatu si baata malee ati hidda hin baattu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yoo ittiin boonte ammoo, hiddatu si baata malee, ati hidda hin baattu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
isin Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa Yihudota akka dame'ee muramanii kufan irratti ufi hin dhaadinaa, yoo ufi dhaadan garuu isin dameewwan qofa waan taataniif, hiddi isin baadhata malee isin hidda ka hin baadhanne ta'uu keessan yaadadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudoota akka dameele'ee caccabane san irratti hin koorina'a. Yoo koortane ammoo isin dameelee qofa waan teetaneef, hiddi isin ba'ata malee, isin hidda ba'atuu akka hin dandeenne qaabadha'a.