Romans 11:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Sun dhuga'a. Isaan waan dhugeeffatiisa dhabaneef caccabane, ati ammoo waan dhugeeffatteef jabaattee dhaabbatte. Maarre sodaadha'a malee, hin koorina'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tunini d'uga. Maro worri ind'ugefatiiniifi ch'ach'absani, ammo isani fulla teesani maro d'ugefattaniifi keesa teetani. Waan kanaafi ufi inguddisiina, ammo sodaad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tunin dhugaa; warra marroo warrii hin dhugeeffatiiniif cacabsan, isan ammoo marroo dhugeeffatiinf fulaa teessan keessa teettan. Waan kanaaf ufi hinguddisiinaa, ammoo sodaadhaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sun dhuga'a; isaan amanuu dhabuu isaaniitiin caban; atillee sababaa amantii keetiitiin dhaabatteerta; sodaadhu malee waan uf jaju'uu hin yaadin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sun dhugaa'a; isaan amanuu dhabuu isaaniitiin caban; atillee sababaa amantaa keetiitiin dhaabatteerta; sodaadhu malee, waan uf jaju'uu hin yaadin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jechi keessan ammoo sirri'i, garuu isaan muramanii ka kufaniif amanuu dhabuu isaaniitiin yoo ta'u, isin wonitti jabaattanii dhaabattan amanuu keessaniin, eegaa sodaachuu malee, ufi dhaaduun isiniif hin barbaachisu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sun dhuga'a. Isaan waan dhugeeffatiisa dhabaneef caccabane, ati ammoo waan dhugeeffatteef jabaattee dhaabbatte. Maarre sodaadha'a malee, hin koorina'a.