Romans 11:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya! Dhugaan dhossa'aa ta akka isin beettanuuf ani barbaadu takkatti jira; isiin, nuuti qaroole'e jettanee yaadiisa irraa isin eeddi. Mataa jabeenni kolbaa Israa'elii akkanumatti hin turu; ammoo worri Yihudoota hin te'in mara gara Waaqaa haga dhufanu qofa tura.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan d'ossani toko ta d'ugaati jira, oboleyaani tiyya, anini aka isani baratani fed'a. Anini isanii guddo qaro ufi seetani infed'u. Wonti kunini tana: mata jabeenni gosa Israeli waan haga hegeri taatiniti ammo eegi gochiti d'ibiini ch'ufti Waaqati deebitu inhobaa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyan tiyya Waan dhossan tokkootti ta dhugaa ta anin akka isan barattan fedhu jira; anin isanii guddoo qaroo ufi seetan hinfedhu. Wantii sulleen ammoo, mataa jabeennii gosa Israa'eli waan haga hegerii ta'aatinitii, waan eegii gochitii dhibiin cuftii Waaqaatti dachaat hobeaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleeyyan tiyya! worra qalbii qaban akka isinitti hin fakkaanne dhossaa kana akka beettan barbaada; haga worri Yihuudota hin taane gara worra Yihuudotaatitti guutumaan guutu'utti eda'amaniif worri Israa'elii gariin hadoodeera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleeyyan tiyya! worra qalbii qaban akka isinitti hin fakkaanne dhossaa kana akka beettan barbaada; haga worri Yihuudota hin taane gara worra Yihuudotaatitti guutumaan guutu'utti eda'amaniif, worri Israa'elii gariin hadoodeera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! «Nu'u beekittota» jettanii ufi hin dhaadinaa, ka isinitti himu dhokissaan tokko ni jira, kun'llee harka diddoonni Israa'eelootaa haga muumme'eetiif uduu hin ta'in, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu guutumma'aan gara Waaqaa haga dhufaniif ta'uu isaati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Dhugaan dhossa'aa ta akka isin beettanuuf ani barbaadu takkatti jira; isiin, nuuti qaroole'e jettanee yaadiisa irraa isin eeddi. Mataa jabeenni kolbaa Israa'elii akkanumatti hin turu; ammoo worri Yihudoota hin te'in mara gara Waaqaa haga dhufanu qofa tura.