Romans 11:33 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Durummaan Waaqaa attam attam guddo'o! Beekkumaa fi qarummaan isaa attam attam gad fagaatti! Muraa isaa qorqoriisa eentu dande'a? Karaa isaa eentu hubatiisa dande'a?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duroomi Waaqaa waan gudda! Qalbifi hubachaani isaa waan guddo! Eentu waan inni muru beekha? Eentu kara isaa hubata?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Badhaadhummaan naasuu Waaqaa akkam guddoo! Qalbii fi hubachaan isaa akkam guddoo! Eentu waan innii muru beeka? Eentu karaa isaa hubata?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Durummaan ogummaa Rabbiitii fi beekkumsi Rabbii hagam gadi fagaata! Murteen isaa ka hin qoratamne; karaan isaallee ka hin beekkamne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Durummaan ogummaa Rabbiitiif beekkomsi Rabbii hagam gadi fagaata! Murteen isaa ka hin qoratamne; karaan isaallee ka hin beekamne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Durummaan Waaqaatii fi ogummaan, beekkomissi'llee attam gadi fago'o! Murtiin isaa ka hin qoratamnne, karaan isaa'llee ka hin beekkaminne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Durummaan Waaqaa attam attam guddo'o! Beekkumaa fi qarummaan isaa attam attam gad fagaatti! Muraa isaa qorqoriisa eentu dande'a? Karaa isaa eentu hubatiisa dande'a?