Romans 11:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Deebiin Waaqi isaaf kenne ta maan jettu? “Ani namoota waaqa dharaa ka Ba'aali jedhamuuf hin jilbiiffanne kuma torba ifiif hamburadheera” ta jettu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi maani isaani jed'e? Anini nama kunki torba ka waaqa d'ara ka Baali jed'ani inkad'atiini qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii maan isaan jedhe ree? “Anin nama kuunkii torbaa ka waaqaa dharaa ka Ba'aali jedhan hin kadhatin qaba” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo deebiin Rabbii maal jedheen? «Namoota kuma torbaa ka Ba'aaliif hin saganne ufiif hambifadheera»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo deebiin Rabbii maal jedheen? «Namoota kuma torbaa Ba'aaliif ka hin saganne ufiif hanbifadheera»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni garuu maal jedhee isaa deebiseef? «Ba'aal ka jedhame Waaqa dharaatiif ka hin sagadin, namoota kuma torbaatamaa mataa kiyyaaf hanbiffadhee jira» jedheenii jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Deebiin Waaqi isaaf kenne ta maan jettu? «Ani namoota waaqa dharaa ka Ba'aali jedhamuuf hin jilbiiffanne kuma torba ifiif hamburadheera» ta jettu.