Romans 12:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yaada tokkoon wolii gala'aatii le'a; ifi ol qabiisa lakkisa'aatii worra gadee woliin le'a; nuuti beekkole'e jedhaa ifi hin saadina'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama ch'ufaani wold'aqa. Ufi inguddisiina, ammo huji isani diqeesitule hojad'a. Qaro ufi insehiina.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nama cufaan waldhaqaa; ufi hinguddisiinaa, ammoo hujii isan diqeesituullee hojjadhaa! Qaroo ufi hinse'inaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin wol ta'u'uun jiraadhaa'a; worra jiruu gad aanaa jiraatan woliin tokko ta'u'uuf hayyamaa malee isaanitti uf hin jajinaa'a; ufiinillee hin dhaadatinaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin yaada tokkoon wolii galaa'a; waan uf jaju'uu hin yaadinaa'a; haata'uu ammoo kasoo ta'u'uun hujii mishaa hojjadhaa'a; waan waa beettan uf hin seeyinaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ufii keessan yaada tokkoon wolii gala'aa jiraadhaa, mataa keessan ol qabuu irra ufi tuulummaa dhabamissiisa'aatii hiyyeessotaan woliin tokkumma'aan jiraadhaa, ufii keessan beekittota ufiin hin jedhinaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yaada tokkoon wolii gala'aatii le'a; ifi ol qabiisa lakkisa'aatii worra gadee woliin le'a; nuuti beekkole'e jedhaa ifi hin saadina'a.