Romans 12:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Jaalota tiyya! Mufiin Waaqaa haluu baatuuti malee, isin ijjumaa haluu hin bayina'a. Barreeffam Woyyichi, “Ka haluu bawuu fi ka gatii halu'uu kaffalu ana jedha Goottaan Waaqi” jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Haalo imbaafatiina, jaalaani tiyya, ammo ha dalansuuni Waaqaa haalo isani baaftuuti. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Anati haalo baasa, Aabbooni akana jed'e jetti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jaallan tiyya! Haaloo hinbaafatiinaa, ha dallansuun Waaqaa haaloo isanii baaftuuti! Wantii akkanaatiif barreessii qulqulloo keessaatti Aabboo Waaqii, “Haaloo baasuun tiyya, anin hujii namaa mataa isaa irraatti deebisa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jaalalloota tiyya! Waan keessaniif haluu hin bayinaa'a; dheekkamsa Rabbiitiif hulee kennaa'a malee ufii haluu hin bayinaa'a; «ka haluu baasu ana; gatii isaallee ka deebisuuf ana» jedha Gooftaan jedhamee waan barreeffameef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jaalaloota tiyya! Waan keessaniif haluu hin bayinaa'a; dheekkamsa Rabbiitiif hulee kennaa'a malee, ufii haluu hin bayinaa'a; «ka haluu baasu ana; gatii isaallee ka deebisuuf ana» jedha Gooftaan jedhamee waan barreeffameef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! Dallanissuu Waaqaaf dhiisaa malee, ufii keessan gadoo hin bayinaa, «Ka haloo bayuu fi gatii haloo'llee ka kafalu ana, jedha Gooftaan Waaqinni» jedhamee, barreeffamee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jaalota tiyya! Mufiin Waaqaa haluu baatuutii malee, isin ijjumaa haluu hin bayina'a. Barreeffam Woyyichi, «Ka haluu bawuu fi ka gatii halu'uu kaffalu ana jedha Goottaan Waaqi» jedha.