Romans 12:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Fedhiin Waaqaa dansitti'ii fi ta isa gammachiitu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aada lafa tana jaalattani gula indeemina, ammo ha Waaqi garaa keesaniifi qalbi teesani jijiruuti. Yoosi fed'i Waaqa barattani, waan dansa, ka isa gammachiisa, ka qit'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Aadaa lafa tanaa jaalattanii gula hinyaa'inaa! Ammoo ha Waaqii garaa keessanii fi qalbii teessan jijiruutii. Yoos duuba fedhii Waaqaa, waan dansaa ta'e, waan qixxe ta'e ka isa gammachiisaa baraattanii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fedhiin Rabbii misha'aa fi ka nama gammachiisu waan mudaa hin qabne maal akka ta'e qorattanii akka beettan haarawoomuu qalbii teessaniitiin jijjiiramaa malee adunyaa tana hin fakkaatinaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fedhiin Rabbii misha'aa fi ka nama gammachiisu waan mudaa hin qabne maal akka ta'e qorattanii akka beettan haarawoomuu qalbii teessaniitiin jijjiramaa malee, adunyaa tana hin fakkaatinaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Misha'aa fi ka gammachiisu muda maleessa ka ta'e'llee, fedhii Waaqaa beeku'uuf akka dandeettan sammuu keessan haaressu'uun jireenni keessan akka jijjiiramu malee, biyya lafaa kana hin fakkaatinaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fedhiin Waaqaa dansitti'ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina'a.