Romans 12:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma isin martinuu qixxee Waaqi dhugeeffannaa isinii kenneetitti ifi gad qabiisaan yaadadha'a malee, haga isinii malteen irra ifi jajiisaan marroo teessaniif hin yaadatina'a jedhee, badhaadha naa kennameen isinii hima.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro eeba Waaqi naa kenneefi anini waan isani ch'ufaani jed'u: Ufi saaddani ufi inguddisiina. Ammo herega keesani keesati ufi diqeesa, ammalle nami ch'ufti d'ugefacha Waaqi isaa kenne gula ha ufi qoruuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo eebba Waaqii naa kenneef anin isan cufaan: “Ufi saaddanii ufi hinguddisiinaa, ammoo herrega keessan keessaatti ufi diqqeessaa, ammallee namii cuftii dhugeeffachaa Waaqii isaa kenne gula ha ufi qoratu” jedha
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma isin maruu haga amantii Rabbi isinii kenneetiin akka yaaddaniif malee, haga yaaduu barbaachisuu olitti uf jaju'uun waan keessaniif hin yaadinaa'a jedhee badhaadha naa kennameen isinitti dubbadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma isin martinuu haga amantaa Rabbi isinii kenneetiin akka yaaddaniif malee, haga yaaduu barbaachisuu olitti uf jaju'uun waan keessaniif hin yaadinaa'a jedhee, badhaadha naa kennameen isinitti dubbadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dabalee'llee tokkoon tokkoon keessan haga amantii Waaqinni isiniif kenneetiin mataa gad qabataan yaadaa malee, haga barbaachisuu olitti waayee mataa keessaniitiif ufi tuulumma'aan hin yaadinaa jedhee, kennaa isaa ka bilisaa ka naaf kennameen isinitti ni hima.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma isin martinuu qixxee Waaqi dhugeeffannaa isinii kenneetitti ifi gad qabiisaan yaadadha'a malee, haga isinii malteen irra ifi jajiisaan marroo teessaniif hin yaadatina'a jedhee, badhaadha naa kennameen isinii hima.