Romans 12:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akka Badhaadha Waaqi nuuf kenneetitti nuuti kennansa gara garaa qanna. Kennansi keenna raaga raaguu yoo te'e, qixxee dhugeeffannaa qannuutitti raannuu ti;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi waan qamnu ch'ufaani eeba Waaqi nuu kenne gula hojachu malle. Yo hujiini teenna dubbi Waaqa odeesiti taate, d'ugefacha Waaqi nuu kenne gula odeesu malle.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf waan qamnu cufaan akkuma eebba Waaqii nuu kenne gula hojjachuu malle. Yo hujiin teenna ta dubbii Waaqaa haasooftu taatee, dhugeeffachaa Waaqii nuu kenne gula haasa'uu malle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma badhaadha nuuf kennameetitti kennaa gara garaa qabna; raaga yoo ta'e, akkuma amantii keennaatiin raaga haa dubbannuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkuma badhaadha nuuf keennameetitti kennaa gara garaa qabna; raaga yoo ta'e, akkuma amantaa keennaatiin raaga haa dubbannuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin ka nuuf kenne, kennaa adda addaa hujii irra haa oolichinuu, kennaan teenna dubbii Waaqaa labissuu yoo ta'e haga amantii keennaatiin, dubbii Waaqaa haa labissinuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka Badhaadha Waaqi nuuf kenneetitti nuuti kennansa gara garaa qanna. Kennansi keenna raaga raaguu yoo te'e, qixxee dhugeeffannaa qannuutitti raannuu ti;