Romans 12:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
kennansi keenna gorsiisa yoo te'e, gorsinuu ti; kennansi keenna arjoomuu yoo te'e, gadha'aan arjoonnuu ti; kennansi keenna bulchiisa yoo te'e, jabaannee bulchinuu ti; kennansi keenna mararuu yoo te'e, gammadaan mararruu ti;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nama d'ibi jabeesine, aka dansa jabeesu malle. Nami waan harkaa qabu namaani gahu fed'u ha arjoomaani gahuuni; nami nama dura deemu ha aka dansa dura deemu; nami namaa nahu ha gammadaani nahu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo nama dhibii jabeesinee, akka dansaa jabeessuu malle! Namii waan harkaa qabuu namaan ga'uu fedhuu, ha arjoomaan ga'uunii! Namii nama dura deemuu, ha akka dansaa dura deemuu! Namii namaa na'uu ha gammadaan na'uufi!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
ka gorsu yoo ta'e, gorsu'uun haa jabaatu; ka kennullee arjumma'aan haa kennuu; ka bulchullee jabaatee haa bulchuu; ka araaramullee gammachu'uun haa araaramuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
ka gorsu yoo ta'e, gorsu'uun haa jabaatu; ka keennullee arjumma'aan haa keennu; ka bulchullee jabaatee haa bulchuu, ka araaramullee gamachu'uun haa araaramuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kennaan teenna gorssuu yoo ta'e haa gorssinuu, kennaan teenna arjjoomuu yoo ta'e onne'een haa arjjoomnnuu, kennaan teenna bulchuu yoo ta'e, jabeennaan haa bulchinuu, kennaan teenna garaa laafnna yoo ta'e, kanuma gammachu'uun haa raawwannuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
kennansi keenna gorsiisa yoo te'e, gorsinuu ti; kennansi keenna arjoomuu yoo te'e, gadha'aan arjoonnuu ti; kennansi keenna bulchiisa yoo te'e, jabaannee bulchinuu ti; kennansi keenna mararuu yoo te'e, gammadaan mararruu ti;