Romans 13:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worra waan hantuu huju malee, worri waan dansaa huju bulchitoota hin sodaatanu. Ati worra baallii qabu akka hin sodaanne barbaaddaa? Waan dansaa huji; galatalle isaan irraa hin dhaggatta.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi nami waan dansa tolchu jara isa fidu suni insodaatu ammo nama hameenna tolchuuti sodaata. Aka nama nama wo fidu insodaanne tahu feeta? Yoosi waan dansa tolchi, inni si saada.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif namii waan dansaa tolchu jara isa fidu sun hinsodaatuu ammoo nama hammeenna tolchuuti sodaata. Akka nama nama fidu hinsodaannee ta'uu feetaa? Yoos waan dansaa tolchi! Innii si saadaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchoonni worra hamaa hojjatan malee, worra waan mishaa hojjatan waan hin sodaachifneef; worra baallii qaban akka hin sodaanne barbaaddaa? Waan mishaa hojjadhu; galata isa irraa argattaa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bulchoonni worra hamaa hojatan malee, worra waan mishaa hojjatan waan hin sodaachifneef, worra baallii qaban akka hin sodaanne barbaaddaa? Waan mishaa hojjadhu; galata isarraa argattaa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bulchitoonni ka sodaachisan hamaa raawwattoota malee, worra mishaa raawwatoota ta'aniifii miti, nama aangoo qabu akka hin sodaanneef ni barbaaddaa ree? Eegasuu waan mishaa ta'e raawwadhu, isaan irraa'llee galata ni argatta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra waan hantuu huju malee, worri waan dansaa huju bulchitoota hin sodaatanu. Ati worra baallii qabu akka hin sodaanne barbaaddaa? Waan dansaa huji; galatalle isaan irraa hin dhaggatta.