Romans 13:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri baallii qabu tajaajiltoota Waaqaa ka waan dansaa si'iif godhanu. Ammoo yoo waan hantuu hujje, isaan sodaadhu; sababille isaan worra toluma goraadee hidhateeruu moti. Isaan tajaajiltoota Waaqaa, ka mufii Waaqaa mudhisiisaaf, worra hantuu huju adabanu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi inni hojattu Waaqaa ta aka ira jirti tanteti sii hojattu. Ammo yo waan hamtu tolchite isaa sodaad'u inni ufuma sheeftini indeemu. inni hojattu Waaqaati, dalansu Waaqa nama hameenna tolchuuti buusa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif innii hojjaataa Waaqaa ka akka irra jirtii tanteetii sii hojjatu. Ammoo yo waan hamtuu tolchite isa sodaadhu! Innii hojjataa Waaqaatii dallansuu Waaqaa nama waan hamtuu hujjatuuti buussa malee ufumaa billaan hindeemuu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri baallii qaban tajaajiltoota Rabbii ka waan mishaa sii godhan waan ta'aniif akkanumaan waan guraadee hin hidhanneef yoo waan hamaa hojjatte sodaadhu; inni tajaajilaa Rabbii ka worra hamaa hojjatan irratti dheekkamsa fidu'uun haluu baasu waan ta'eef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri baallii qaban tajaajiltoota Rabbii ka waan mishaa sii godhan waan ta'aniif, akkanumaan waan guraadee hin hidhanneef, yoo waan hamaa hojjate sodaadhu; inni tajaajilaa Rabbii ka worra hamaa hojjatan irratti dheekkamsa fiduun haluu baasu waan ta'eef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Aangoo isaatiin waan mishaa akka si raawwatuuf ka muudame, tajaajilaa Waaqaati, ka aangoo qabu billaya ka hidhate tasaaf waan hin ta'iniif, hamaa raawwataa yoo taate ka aangoo qabu sodaadhu, inni hamaa raawwattoota adabu'uu fi haloo Waaqaa muldhisu'uun, Waaqa ni tajaajila.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri baallii qabu tajaajiltoota Waaqaa ka waan dansaa si'iif godhanu. Ammoo yoo waan hantuu hujje, isaan sodaadhu; sababille isaan worra toluma shallaagaa hidhateeruu moti. Isaan tajaajiltoota Waaqaa, ka mufii Waaqaa mudhisiisaaf, worra hantuu huju adabanu.