Romans 13:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Beenyaa eennuulle hin qabaatina'a; beenyaan isin qabaatuu qaddanu wol jaalatiisa qofa te'uu ti; nami nama jaallatu Seera muummesseera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gati nama tokole imfud'atiina, gatiini isani qabdani ta jaalala woli ch'alla tahinna. Nami nama d'ibi jaalatu ch'ufti ya seera guute.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gatii nama tokkollee hinfudhatinaa! gatiin isan qabdan ta jaalala walii callaa ta'inna! Namii nama dhibii jaalatu cuftii ya seera guute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gatiin isin wol irraa qabdan wol jaalachuu haa ta'uu; namni nama kaan jaalatu seera raawwateera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gatiin isin wol irraa qabdan, wol jaalachuu haata'uu; namni nama kaan jaalatu seera raawwateera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Liqaan eennuutuu isin irra hin jiraatin, liqaan isin irra jiraachuun malu ufii keessan wol jaalachuu qofa haa ta'u, nama ka jaalatu seera ni raawwata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Beenyaa eennuulle hin qabaatina'a; beenyaan isin qabaatuu qaddanu wol jaalatiisa qofa te'uu ti; nami nama jaalatu Seera muummesseera.