Romans 13:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ajajooti, “Hin gaarayyeeffatin; hin ijjeesin; hin hatin; hin kajeelin” jedhanuu fi ka dhibiin martinuu, ajaja, “Akka ifi jaallattu nama jaalladhu” jedhuun wolitti qabameera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Seeri, d'iirafi nad'eeni wolbarate garayu woliintolfatini: Nami inijeesiini; inhatiini; womayu ind'araiini jed'ufi ka d'ibiini ch'ufti seera oboleesa kanke aka ufi jaalatu jaalad'u jed'u keesa jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Seerii, “Dhiiraa fi nadheen walbaratee gaarayyuu wali hintolfatin! Nama hinijeesiin; hinhatin; homaayyuu hindharra'in” jedhuu fi ka dhibiin cuftii seera, “Akkuma ufi jaaltattu nama dhibiillee jaaladhu” jedhu keessa jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Hin seebarin, hin ajjeesin, hin hatin, sobaan ragaa hin bayin, hin hawwin» jedhu ajaja biraa maraa woliin, «Goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu» dubbii jedhuun wolitti qabameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Hin seebarin, hin ajjeesin, hin hatin, sobaan ragaa hin bayin, hin hawwin» jedhu ajaja biraa maraa woliin, «Goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu» dubbii jedhuun wolitti qabameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Hin sagaagalin, hin ajjeessin, hin hatin, ka nama bira'aa ka ta'e woma kamiinuu hin hawwin!» ajajoota jedhanii fi ajajoota kaanniin mara'llee, «Nama akka mataa keetii taasisii jaaladhu» ka jedhu'llee, ajajuma tokko keessatti, wolitti qabamee ni argaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajooti, «Hin gaarayyeeffatin; hin ijjeesin; hin hatin; hin kajeelin» jedhanuu fi ka dhibiin martinuu, ajaja, «Akka ifi jaalattu nama jaaladhu» jedhuun wolitti qabameera.