Romans 14:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Sababille Barreeffam Woyyichi, “Dhugumaan Ani Waaqa jiraata'a! Nami marti ana duratti hin jilbiiffata; arrabi martinuu akka ani Waaqa te'e dhugaa baasee hin dubbata’ jedha Goottaan” jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Aabbooni waan jed'u, Waaqi anuma, namale ka d'ibiini injiru, ammalle nami ch'ufti na durati jilbifate aka anini Waaqa hima.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif barreessii qulqulloo keessaatti, “Aabboon, ‘Waaqii jiraataan anuma callaa, ammallee namii cuftii na duraati jilbifatee akka anin Waaqaa hima’ jedha” wantii jedhaa la barreeffamte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ani jiraata'a! jedha Gooftaan; Jilbi maruu anaaf jilbiiffata; arrabni maruu Rabbiin galatoonfata» jedhamee waan barreeffameeruuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Ani jiraata'a! jedha Gooftaan; Jilbi maruu anaaf jilbiinfata; arrabni maruu Rabbiin galateeffata» jedhamee waan barreeffameeruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sababinni'llee, «Ani jiraata'a jedha Waaqinni, naminni marrinuu jilbba isaatiin ana duranatti ni jilibbiiffata, arraba isaatiin'llee ani Waaqa ta'uu kiyya ragaa ni baya» jedhamee, barreeffamee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sababille Barreeffam Woyyichi, «‹Dhugumaan Ani Waaqa jiraata'a! Nami marti na duratti hin jilbiiffata; arrabi martinuu akka ani Waaqa te'e dhugaa baasee hin dubbata› jedha Goottaan» jedha.