Romans 14:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre wol wolitti muriisa lakkinnuu ti. Addee san waan worra dhibii gufachiisu yookiin cubbu'utti jissu tokkolle ijjumaa akka hin hunye murteeffadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi duuba, woli qoriiti lakimna. Fulla isii waan kana kutannaa: waan oboleesa keenna gufachiise daba keesa buusa intolchinu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf duuba, waliitti murtii lakkimnaa. Fulaa sun waan kana kutannaa; waan obboleessa keenna gufachiisee daba keessa buusaa hintolchinu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa adha irraa jalqabee nu maruu akka wol irratti hin murteessine caala'atti ammo eennullee obboleessa ufiititti gufuu yookaan sakaallaa akka hin taane kana murteeffadhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa adha irraa jalaqabee nu maruu akka wol irratti hin murteessine caala'aatti ammoo eennullee obboleessa ufiititti guufuu yookiin sakaallaa akka hin taane kana murteeffadhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf tokkoon keenna tokko irratti hin murtteessin, garuu naminni kami'llee karaa obboleessaa isaa irra gufannaa yookiin gufuu kaayuu dhabu'uuf, ufi haa eeggatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre wol wolitti muriisa lakkinnuu ti. Addee san waan worra dhibii gufachiisu yookiin cubbu'utti jissu tokkolle ijjumaa akka hin hunye murteeffadha'a.