Romans 14:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo yoo isaan marroo waan nyaatanuu mama qabaatane, hujiin isaanii dhugeeffanna'aan waan hin te'iniif, yennaa nyaatane Waaqi isaanitti mura. Wonni dhugeeffanna'aan hin te'in maraa cubbu'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo inni waan nyaatu garaa tokooni inyaanne, Waaqi wollaala iti mura, hojja inni nyaatu, maro d'ugefachaani waan inni tolche suni bira injirreefi. Wonti d'ugefachaani bira injirre ch'ufti daba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo namii yo waan nyaatu garaa tokkoon hin nyaannee, Waaqii wallaala itti mura, marroo yo innii nyaatu dhugeeffachaan waan innii tolche sun bira hinjirreef; wantii dhugeeffachaan bira hinjirre cuftii cubbuu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni mama'aa nyaate ammo waan godhe san amanee waan hin gooneef itti murteeffama. Wonti amanti'iin hin goone maruu cubbu'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni mama'aa nyaate ammoo waan godhe san amanee waan hin gooneef itti murteeffama. Wonti amanta'aan hin goone maruu cubbu'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Shakka'aa naminni nyaatu garuu gochi isaa amantii irratti ka hundaaye waan hin ta'iniif, itti ni murtteeffama, amanti'iin wonitti hin raawwatamin marrinuu cubbu'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo yoo isaan marroo waan nyaatanuu mama qabaatane, hujiin isaanii dhugeeffanna'aan waan hin te'iniif, yennaa nyaatane Waaqi isaanitti mura. Wonni dhugeeffanna'aan hin te'in maraa cubbu'u.