Romans 14:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami waan mara nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka waan ficha'atti dhaabamu qofa nyaatu ka waan mara nyaatu irratti hin murin; sababille Waaqi isalle ifitti qabateera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami waan ch'ufa nyaatu nama waan ch'ufa inyaanne intufatiini; ammalle nami sagale laaftu ch'alla nyaatu nama waan ch'ufa nyaatu intufatiini; wonti akanatiifi Waaqi ya isa ee jed'e fud'ate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii waan cufaa nyaatu nama waan cufaa hin nyaanne hintuffatin; ammallee namii dhugeeffachaa jedhee sagalee laaftuu callaa nyaatu nama waan cufa hin nyaanee hintufatin; wantii akkanaatiif Waaqii ya isa “Ee'ee” jedhee fudhate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dadhabaan ammo ashaakiltii nyaata; Ka nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka hin nyaannellee ka nyaatu irratti hin murteessin; Rabbi waan isa ufitti qabeeruuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dadhabaan ammoo ashaakiltii nyaata; Ka nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka hin nyaannellee ka nyaatu irratti hin murteessin; Rabbi waan isa ufitti qabeeruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf woma kamiinuu naminni nyaatu nama hin nyaanne hin ashiniin, ka hin nyaatu'llee nama nyaatu irratti hin murtteessin, isa'llee Waaqinni ufitti fudhateenii jiraatii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami waan mara nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka waan ficha'atti dhaabamu qofa nyaatu ka waan mara nyaatu irratti hin murin; sababille Waaqi isalle ifitti qabateera.