Romans 14:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ati ka tajaajilaa nama dhibi'ii irratti murtu eennu? Inni yoo dhaabbate, yookiin yoo jige ka murteessu Goottaa isaa ti. Waan Goottaan isa dhaabbachiisuu dande'uuf, inni hin dhaabbata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini eennu kana ka hojattu nama d'ibi qortu? Abba isaa ch'allati jabeennaafi laafinna isaa beekha. Inni injabaata, maro Aabbooni dandae isa jabeesuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Atin eennuu kanaa ka hojjataa nama dhibiitti murtu? Abbaa isaa callaati jabeennaa fi laafinna isaa beeka. Mar. roo Aabboon danda'ee isa jabeessuuf innii injabaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati ka garbicha biraa irratti murteessitu eennu? Inni yoo dhaabate yookaan yoo kufellee ka itti murteessu Gooftaa isaati. Haa ta'uu ammo Rabbi waan isa dhaabuu danda'uuf hin dhaabata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ati garbicha biraa irratti ka murteessitu eennu? Inni yoo dhaabate yookiin yoo kufeellee ka itti murteessu Gooftaa isaa ti. Haata'uu ammoo Rabbi waan isa dhaabuu danda'uuf hin dhaabata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa, nama bira'aa tajaajilaa irratti ka murtteessitu, ati eennu? Inni yoo dhaabate yookiin yoo kufe'llee, dhimma Goofta'aati. Gonkumaa Waaqinni isa dhaabu'uuniif waan danda'uuf, jabaatee ni dhaabata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati ka tajaajilaa nama dhibi'ii irratti murtu eennu? Inni yoo dhaabbate, yookiin yoo jige ka murteessu Goottaa isaa ti. Waan Goottaan isa dhaabbachiisuu dande'uuf, inni hin dhaabbata.