Romans 14:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami tokko guyyaan tokko guyyoota kaan caala jedhee yaada; kuun guyyooti martinuu wol qixxe'e jedhee yaada. Waan akkasii irratti namuu waan qalbiin isaa fudhatte godhuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami gari waan guyyaani gari ka d'ibi ira jiru seha, ammo ka gari guyya ch'ufa haga taka seha. Nami ch'ufti aka dansa herega ufi jabeesu male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii garii waan guyyaan garii ka dhibii irra jiru se'a, ammoo ka garii guyyaa cufaa haga takka se'a. Namii cuftii akka dansaa herrega ufii jabeessuu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni kun guyyaan tokko guyyaa biraa irra woyyaa akka ta'e hin yaada. Kuun ammo guyyaan maruu tokko akka ta'e yaada; maruu qalbii ufiitiin jabeessee haa hubatuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni Kun guyyaan tokko guyyaa biraa irra woyyaa akka ta'e hin yaada. Kuun ammoo guyyaan maruu tokko akka ta'e yaada; maruu qalbii ufiitiin jabeessee haa hubatuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana guyyaan tokko guyyaa bira'aa caala'atti kabajama'a jedhee ka yaadu ni jiraata ta'a, ka bira'aa ammoo guyyoonni marrinuu wol qixa kabaja ni qaban malee, guyyoota jidduu garaa garummaan hin jiru jedhee ni yaada. Eegaa wonittoota kana fakkaataniin tokkoon tokkoon namaa, waan onne'een itti amane haa raawwatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko guyyaan tokko guyyoota kaan caala jedhee yaada; kuun guyyooti martinuu wol qixxe'e jedhee yaada. Waan akkasii irratti namuu waan qalbiin isaa fudhatte godhuu ti.