Romans 14:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami guyyaan tokko guyyoota kaan caala jedhee yaadu ulfinna Gootta'aatiif jedhee tana godha. Nami waan mara nyaatulle, sababa sagale'eetiif waan Waaqa galateeffatuuf, ulfinna Gootta'aatiif nyaata. Ka waan tokko tokko nyaatiisa didu, ulfinna Waaqaatiif dida. Innille Waaqa galateeffata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami guyya toko jaba sehu maro Aabbootiifi seha; nami waan ch'ufa nyaatuleeni maro Aabbootiifi nyaata, waan inni ato sagale suni inyaatini Waaqa galata deebisuufi. Nami sagale gari nyaachu diduleeni maro Aabbootiifi dida, innileeni Waaqa galata deebisaafi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii guyyaa tokko jabaa se'u marroo Aabbootiif se'a; namii waan cufaa nyaatuulleen marroo Aabbootiif nyaata, waan innii adoo sagalee sun hin nyaatin Waaqaa galata deebisuuf. Namii sagalee garii nyaachuu diduulleen marroo Aabbootiif dida, inniilleen Waaqaa galata deebisaaf.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka Guyyaa kabajju Goofta'aaf jedhee kabajja; ka nyaatullee waan Rabbiin galatoonfatuuf Goofta'aaf jedhee nyaata; ka hin nyaannellee Goofta'aaf jedhee hin nyaatu. Rabbiinillee hin galatoonfata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka Guyyaa kabajju Goofta'aaf jedhee kabajja; ka nyaatullee waan Rabbiin galatoonfatuuf, Goofta'aaf jedhee nyaata; ka hin nyaannellee, Goofta'aaf jedhee hin nyaatu. Rabbiinillee hin galatoonfata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa tokko guyyaa bira'aa irra caalisisee ka kabaju yoo jiraate, kana raawwachuun isaa, ulfinna Goofta'aatiif jedheeti, nyaata kamiinuu ka nyaatu ulfinna Goofta'aatiif jedhee ni nyaata, waayee nyaata nyaatuutiif'llee Waaqa ni galateeffata, nyaata kamiinuu ka hin nyaanne ulfinna Goofta'aatiif jedhee hin nyaatu, nyaachuu dhabuu isaatiin'llee Waaqa ni galateeffata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami guyyaan tokko guyyoota kaan caala jedhee yaadu ulfinna Gootta'aatiif jedhee tana godha. Nami waan mara nyaatulle, sababa sagale'eetiif waan Waaqa galateeffatuuf, ulfinna Gootta'aatiif nyaata. Ka waan tokko tokko nyaatiisa didu, ulfinna Waaqaatiif dida. Innille Waaqa galateeffata.