Romans 15:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Addiin teessan hunna Ayyaana Woyyichaatiin ittuma akka guddattu, Waaqi addii namaaf kennu, isatti dhugeeffachuu keessaniin, gammadaa fi nageya maraan isin guutuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi, ka abdi namaa kennu, gammadafi nagaya isanii kennina maro d'ugefacha teesani ta isani isa d'ugefattaniifi, aka abdiini teesani jabeenna Lubbu Qulqullotiini iti daramtu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii, ka abdii namaa kennu, marroo dhugeeffachaa teessan ta isan isa dhugeeffattantiif, akka abdiin teessan jabeenna Hafuura Qulqullootiin itti daramtu gammadaa fi nagaya isanii kenninna!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waandhi abdii hunna Ayyaana Woyyu'uutiin abdiin akka guddatu amanuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya maraa isinii haa kennu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waandhi abdii hunna Ayyaana Woyyu'uutiin abdiin akka guddatu amanuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya maraa isinii haa kennu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Abddiin keessan huminna Hafuura Qulqullu'uutiin guddata'aa akka deemuuf Waaqa abddi'ii, isa abddii taasfachuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya, guutumma'aan isiniif ni kenna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Addiin teessan hunna Ayyaana Woyyichaatiin ittuma akka guddattu, Waaqi addii namaaf kennu, isatti dhugeeffachuu keessaniin, gammadaa fi nageya maraan isin guutuu ti.