Romans 15:16 — Compare Translations
6 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Badhaadhi kunille, akka ani Oduu Gammadaa, ta Waaqaa, worra Yihudoota hin te'iniif lallabiisaan akka hayyichaa te'ee, Yesuus Kiristoos tajaajiluuf naa kenname. Tanaaf worri Yihudoota hin te'in ka Ayyaana Woyyichaan woyyoomee fi kennaa Waaqa gammachiisu te'ee akka dhikaatu tajaajila.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
hojattu Kristo Yeso aka gosa d'ibi keesa hojad'u na tolcheefi garaa jabaad'e. Anini Odu Dansa ta Waaqa biraa d'ufte aka qaallu odeesa, aka gochiti d'ibiini sorio Waaqi fed'u taatu, ta Lubbuuni Qulqullooni kurfeesiteefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
akka gosa dhibii keessa hojadhu, hojjataa Kiristoo Yesus na tolcheef garaa jabaadhe. Anin Oduu Dansaa ta Waaqaa biraa dhufte akka qaalluu haassaa, akka gochitii dhibiin, ta hafuurii qulqulloon kurfeeseef sooriyyoo Waaqii fedhu taatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
sababa badhaadhummaa Rabbiin biraa naa kennameen deebi'ee isin hubachiisu'uuf jedhee bakka tokko tokkotti uggiiti'iin isinii barreesse.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kennaan isaa ka bilisaa kun'llee ka naaf kenname dubbii Waaqaa ka gammachu'uu ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannetti himu'uun akka qeesichaa ta'ee Yesus Kristosiin tajaajilu'uuf, kanaaf ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Hafuura Qulqullu'uun ka Qulqullaawoma argatee fi kitimaa Waaqa'llee gammachiisu ta'anii akka dhiyaataniif ni tajaajila.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year