Romans 15:30 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya! Gootta keenna Yesuus Kiristooniin, jaalala Ayyaanni Woyyichi nuu kennelle'een, ana woliin itti cittanee akka anaaf daadimattanu isin maganniffadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini isani kad'ad'a oboleyaani tiyya, maqa Aabbo Yeso Kristotiifi jaalala lubbuuni kennituni: kad'acha anini Waaqa kad'ad'u keesa isanileeni naa kad'ad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleyyaan tiyya, maqaa Aabboo Yesus Kiristootii fi jaalala Hafuurii Qulqulloon nuu kennuun, akka isaniilleen na waliin teettanii Waaqaa naa kandhattan isanitti himadha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Anaaf Rabbiin kadhata'aa na woliin akka xaartan, Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi jaalala Ayyaanaatiin isin kadhadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleewwan tiyya! Anaaf Rabbiin kadhata'aati, na woliin akka xaartan, Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi jaalala Ayyaanaatiin isin kadhadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! Waayee kiyyaaf gara Waaqaa kadhachu'uun woldhaanssoo kiyyaan akka ana gargaarttaniif, Gooftaa keenna Yesus Kristositii fi jaalala Hafuura Qulqullu'uutiin, isin ni kadhadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiin, jaalala Ayyaanni Woyyichi nuu kennelle'een, na woliin itti cittanee akka naaf daadimattanu isin magannifadha.