Romans 15:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waadaan Waaqi abbootii isaaniitii gale akka muummawuu fi Waaqi addatamaa akka te'e mudhisiisaaf, Kiristoos tajaajilaa Yihudootaa akka te'e, ani isinitti hima.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini isaniti hima, Kristoni hojattu Yahudi tahe, aka, aka Waaqi ka d'uga, agarsiisu; aka khakhuuni Waaqi jaaroleti kakhate d'ugaa taatu,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin isaniitti himaa, Kiristoon akka waaqii ka dhugaa agarsiisee, kakuun Waaqii jaarrolleetti kakate dhugaa taatuuf hojjataa Yihudii ta'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbii abdi'ii ka abboota keenna ittiin jabeessu'uuf kenne, akkasuma «Kanaaf worra Yihuudii hin taane jiddu'utti si galatoonfadha. Maqaa keetiifillee hin faarfadha» jedhamee akkuma barreeffame,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dubbii abdi'ii ka abboota keenna ittiin jabeessu'uuf kenne, akkasuma «Kanaaf worra Yihuudi hin taane jiddu'utti si galateeffadha. Maqaa keetiifillee hin faarfadha» jedhamee akkuma barreeffame, worri Yihuudi hin taane waan araara isaatiif Rabbiin akka kabajjan, Kiristoos waan dhugaa Rabbiitiif tajaajilaa gadoomu'uu ta'e jedha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana'llee yoo dubbadhu Waaqinni abbootii durssaniif abddii kenne akka raawwatuu fi dhugaa ta'uun Waaqaa'llee akka beekkamuuf, Kristos tajaajilaa Yihudotaa ni ta'e jechu'uu kiyya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waadaan Waaqi abbootii isaaniitii gale akka muummowuu fi Waaqi addatamaa akka te'e mudhisiisaaf, Kiristoos tajaajilaa Yihudootaa akka te'e, ani isinitti hima.