Romans 15:9 — Compare Translations
6 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma worri Yihudoota hin te'inille marartii isaatiif, Waaqa akka leellisuuf tajaajilaa isaanii te'e; kunille kama Barreeffam Woyyichi, “Tanaaf ani worra Yihudoota hin te'in oddu'utti si hin leellisa; maqaa keetiifille faaruu hin faarfadha” jedhu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammalle aka gochiti d'ibiini dandeete, maro naasu isaatiifi, isa faarsitu. Akuma t'aafiini jettu, Tanaafi anini maro teesaniifi gosa d'ibi keesa galata sii deebisa, anini faaru maqa kanketi d'ahad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee akka gochitii dhibiin dandeettee marroo naasuu isaatiif isa faarsitu; akkuma barreeffamee, “Tanaaf anin marroo teessaniif gosa dhibii jidduutti galata sii deebisa, anin faaruu maqaa kankeetii dhahadha” jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Yihuudi hin taane waan araara isaatiif Rabbiin akka kabajjan, Kiristoos waan dhugaa Rabbiitiif tajaajilaa gadoomu'uu ta'e jedha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kristos tajaajilaa Yihudotaa ka itti ta'e sababinni bira'aa'llee, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Waaqa waayee dhiifama isaatiif akka isa galateeffataniif, kun'llee, «Kanaaf ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jiddu'utti si ni galateeffadha, maqaa keetiif'llee faarfanna'aan galata ni dhiyeessa» jedhamee, akkuma barreeffame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma worri Yihudoota hin te'inille marartii isaatiif, Waaqa akka leellisuuf tajaajilaa isaanii te'e; kunille kama Barreeffam Woyyichi, «Tanaaf ani worra Yihudoota hin te'in oddu'utti si hin leellisa; maqaa keetiifille faaruu hin faarfadha» jedhu.