Romans 16:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Herodiyoonii akkuma kiyya Yihudii te'etti nageya anaaf hima'a. Worra maatii Naarkisosii keessaa kiristaana te'etti nageya anaaf hima'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Herodioni, ka gosa tiyya, nagaya naa fuud'a; oboleyaani Kristiana ta worra Narkiso nagaya naa fuud'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Herodiyon ka akkuma kiyya gosa Yihudii ta'eelleetti, nagaya naa himaa; obboleeyyaan Aabbootti dhugeeffate ta warra Naarkisoosiilleetti nagaya naa himaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Heeroduunaa fira kiyyatti nagaya naa himaa'a; worra maatii mana Niirqaasu'uu keessaa worra Goofta'aan jiranitti nagaya naa himaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fira kiyya Heeroduuna'atti nagaya naa himaa'a; worra maatii mana Niirqaasu'uu keessaa worra Goofta'aan jiranitti nagaya naa himaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fira kiyya ka Yihudicha ta'e Heerodiyoniif'llee nagaya naa dhiyeessaa, maatii Naarksosii keessaa Goofta'atti worra amananiif'llee nagaya naa dhiyeessaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Herodiyoonii akkuma kiyya Yihudii te'etti nageya naaf hima'a. Worra maatii Naarkisosii keessaa kiristaana te'etti nageya naaf hima'a.