Romans 16:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya! Worra barnoota isin fudhattaneen mormiisaan, dhugeeffannaa kolba'aalle garagalchuu fi sababa gargar qoqodamiisaa te'u irraa akka ifi eegattanu isin gorsa. Isaan irraa fagaadha'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini isani kad'ad'a, oboleyaani tiyya: worra gargari nama qoode d'ugefacha nama yake waan isani duri barattani didu, hubad'a, eegad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Anin isan kandhadhaa, warra gargarii nama qoodee dhugeeffachaa namaa yakkee, waan isan durii barattan didu hubadhaa eegadhaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo Obboleeyyan tiyya! worra barumsa isin barattan mormanii fi gar gar bayiinsa uumanii namootatti gufuu ta'an, addaan baaftanii akka laaltaniif irraallee akka fagaattan isin kadhadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo Obboleewwan tiyya! worra barumsa isin barattan mormanii fi gar gar baayiinsa uumanii, namootatti gufuu ta'an, addaan baaftanii akka laaltaniif irraallee akka fagaattan isin kadhadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! barsiisa fudhattaniif Mormmitoota ta'uun jidduu keessantti, garagar qoodamu'uu fi rakkinna namoota fidan irraa ufi eeggadhaa, isaan irraa'llee fagaadhaa!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Worra barnoota isin fudhattaneen mormiisaan, dhugeeffannaa kolba'aalle garagalchuu fi sababa gargar qoqoodamiisaa te'u irraa akka ifi eegattanu isin gorsa. Isaan irraa fagaadha'a!