Romans 16:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami marti Wongeelaaf ajajamuu keessan dhage'eera; sababa kanaafille ani marroo teessaniif hin gammada. Marroo waan dansa'aatiif qaroo, marroo waan hantu'uutiif ammoo gowwoolee akka teetanu ani barbaada.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami ch'ufti aka isani dubbi Waaqaa guuttani imbeekha, maro waan kanatifi anini guddo gammada. Anini isani waan dansati qaroomtani ammo waan hamtuti daallooftani fed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii cuftii akka isan dubbii Waaqaa guuttan inbeekha; marroo waan kanaatiif anin guddoo gammada. Anin isanii waan dansaatti qaroomtanii, ammoo waan hamtuutti daallooftan fedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajajamuun keessan nama maraa biratti waan dhagayameeruuf isinitti hin gammada; haa ta'uu ammo waan misha'aaf ogeeyyii ta'aa'a; wonti hamaan ammo akka isin hin qabne barbaada.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ajajamuun keessan nama maraa biratti waan dhagayameeruuf, eegasuu isinitti hin gammada, haata'uu ammoo waan misha'aaf ogeeyii ta'aa'a; wonti hamaan ammoo akka isin hin qabne barbaada.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dubbii Wongeelaatiif ajajamittoota ta'uun keessan namoota mara birattuu waan beekkameef gammade'llee, garuu waan misha'aaf ogeessota, waan hama'aaf garuu gara laafeyyii akka taataniif ni barbaada.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami marti Wongeelaaf ajajamuu keessan dhage'eera; sababa kanaafille ani marroo teessaniif hin gammada. Marroo waan dansa'aatiif qaroo, marroo waan hantu'uutiif ammoo gowwoolee akka teetanu ani barbaada.