Romans 16:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma kolbaa Waaqaatiif maltetti, maqaa Gootta'aatiin isii fudhadha'a! Isiin kolbaa heddu'uu fi analle waan qarqaarteertuuf, qarqaarsa isiin isin irraa barbaaddu maraayyuu isi'iif kenna'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maqa Waaqaatiini, aka gumiini Waaqa tolchu malte, isi fud'ad'a, ammalle d'ipu isiini qabdu ch'ufa baasa, waan isiini anaafi nama d'ibile guddo qarqaarteefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Maqaa Waaqaatiin, akka gumiin Waaqaa tolchuu malteen isii fudhadhaa! Ammallee waan isiin naa fi nama dhibiillee guddoo qarqaarteef, dhiphuu isiin qabdu cufaa baasaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Simannaa Goofta'aa ka qulqulloota maraa barbaachisuun simadha'aanii. Isiin namoota hedduuf akkasuma anaafillee gargaartuu waan turteef, waan isiin isin irraa barbaaddu maraanuu gargaara'aanii.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Simannaa Goofta'aa ka qulqulloota maraa barbaachisuun simadha'aanii. Isiin namoota hedduuf akkasuma anaafillee gargaartuu waan turteef, waan isiin isin irraa barbaaddu maraanuu gargaara'aanii.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isiin anaa fi kaanniin'llee namoota baayi'ee ta gargaaritte waan taateef, amanittoota keessummoota ufitti fudhachuun akka bifa isin irra jiruu titti, maqaa Goofta'aatiin waan isaan barbaachisu maraanuu, akka isii gargaarttaniif yaboo ni jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma kolbaa Waaqaatiif maltetti, maqaa Gootta'aatiin isii fudhadha'a! Isiin kolbaa heddu'uu fi analle waan qarqaarteertuuf, qarqaarsa isiin isin irraa barbaaddu maraayyuu isi'iif kenna'a.